Finfinnee, Sadaasa 22, 2017 (FBC) – Waliigalteen Araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasiifame waan jajjabeeffamu ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahiin ibsan.
Nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu eeraniiru.
Rakkoo fi gaaffileen mariin malee afaan qawween furamu akka hin jirre hubatamuu akka qabu kaasaniiru.
Tattaaffiiwan abdii namatti horan kanneen cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Qaamoleen kutaalee biyyattii kamittuu hidhannoon socho’an filannoon fooyya’aan mariin ta’uu akka qabu hubachuu qabu jedhan ergaa dabarsaniiru.
Karra mootummaa yeroo hunda mariif banaa ta’uu mirkaneessaniiru.
Paartii Badhaadhinaa gahee irraa eegamu bahuuf qophii ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia