Waliigaltee nageenyaan Ityoophiyaan injifannoo dippiloomaasii gonfatteetti- Hayyoota

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Waliigaltee nageenyaa Mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffameen Ityoophiyaan injifannoo dippiloomaasii gonfatteechuu hayyoonni ibsan.

Waldhabdeen keessoo saaxilamummaa alaa kan babal’isan ta’uu ibsuun, waliigalteen mallatteeffame saaxilamummaa kana kan hir’isu ta’uu dubbataniiru.

Ityoophiyaan ejjennoo rakkoolee Afrikaa Afrikaanotaa akka furamuuf argisiiste fudhatamummaa isheen naannawichaafi Afrikaarratti qabdu guddisuu Xiinxalaa Siyaasaa kan ta’an obbo Nigaatuu Abbabaan eeraniiru.

Ogeessa seeraa kan ta’an obbo Andu’aalam Ba’iwuqatuun gamasaaniin, waliigaltichi gama dippiloomaasiin yoo ilaalame haala hariiroo alaa kan sirreessu ta’uu addeessaniiru.

Waliigalticha hordofee bu’uura heera mootummaarra taa’een hariiroon alaa mootummaa federaalaa qofaan akka taasifamu ta’uun gidduseentummaa kan dhaabu ta’uu eeraniiru.

Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment