Waliigaltee nageenyaa hordofee deeggarsi namoomaa meetirik tooniin kumni 106 ol gara Tigraayitti ergamuu ibsame

Finfinnee, Mudde 19, 2015(FBC)- Waliigaltee nageenyaa hordofee deeggarsi midhaan nyaataa meetirik tooniin kumni 106 oliifi qorichi meetirik tooniin kumni 1fi 400 gara Tigraayitti ergamuu ibsame.

Ministirri Ministeera Nageenyaafi Kaaba Ityoophiyaatti hogganaan Qindeessa Deeggarsa Namoomaafi Deebisanii Dhaabuu obbo Binnaalf Andu’alam, deeggarsi namoomaa gama koriidariiwwan hundaan dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa booda deeggarsi midhaan nyaataa meetirik toonii kumni 106fi 957 dhiyaachuu eeruun, akkaataa karoorfameen dhiyeessiin taasifamaa jiraachuu addeessaniiru.

Deeggarsa midhaan nyaataa dabalataan qorichi meetirik tooniin kumni 1fi 400 akkasumas deeggarsi biroon meetirik tooniin kumni 10 dhiyaachuu TOItti himaniiru.

Dhaabbilee miidhaan irra gahe deebisanii ijaaruun tajaajila akka laatan taasifamuufi taasifamaa jiraachuu ibsuun, hojiin suphaa buufata xiyyaaraa Shiree yeroo dhiyootti xumuramuun tajaajilaaf banaa kan taasifamu ta’a jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment