Waliigaltee nageenyaa asitti sochiileen hojii Paarkiiwwan indaastirii dadammaqaa jiraachuu ibsame

Amajjii 2, 2015(FBC)- Waliigaltee nageenyaan booda sochiileen hojii Paarkiiwwan indaastirii dadammaqaa jiraachuu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii beeksise.

Gaaffii abbootiin qabeenyaa paarkiiwwan indaastirii keessatti bobba’uuf dhiyeessan waliigaltee nageenyaan asitti dabaluu Hogganaan Qajeelcha Maarkeetiingiifi Kominikeeshinii Korporeeshinichaa obbo Zaman Juundiin eeraniiru.

Kunis abbootiin qabeenyaa parkiiwwan indaastirii keessatti bobba’anii jiran oomishaalee isaanii bal’inaan gabaa alaaf akka dhiyeessan isaan dandeessisuu ibsaniiru.

Baatiiwwan sadan darbanitti paarkii indaastirii Hawaasaarraa qofa galiin Doolaarri miiliyoonni 32 argamuu ibsaniiru.

Waliigalteen nageenyaa mallatteeffame indaastiriifi misooma paarkiiwwan indaastiriif haala mijataa kan uumu ta’uu ogeessi diinagdee Dooktar Alamaayyahu Kabbadaan dubbataniiru.

Carraan yeroo ammaa argame invaastimantii babal’isuuniifi paarkiiwwan indaastirii gara hojiitti akka galan taasisuun carraa hojii uumuufi sharafa alaa argamsiisuurratti gahee olaanaa kan ba’atu ta’uu eeraniiru.

Siisaay Duulaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment