Waliigaltee mirga misooma laga Abbayyaa irratti qabdu daangessu akka hin fudhanne obbo Gadduu Andaargaachaw mirkaneessan

Finfinnee,Waxabajjii 14, 2012 (FBC) Ityoophiyaan sababa waliigaltee hidha haaromsaan, waliigaltee mirga misooma laga Abbayyaa irratti qabdu daangessu akka hin fudhanne Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Andaargaachaw mirkaneessan.

 

Waliigaltee Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan guutinsa bishaaniirratti taasisaan dhimmoota teekinikaa irratti gara waliigateetti yoo dhiyaatanillee dhimmoota seeraa irratti yaadota dhiyaataniin adda citeera.

 

Ityoophiyaan wayita ammaa kana waliigalteen taasiftu dhimmoota hidhichaan walqabate malee fulduratti laga Abbayaa fayyadamtee mirga misoomsuu ishee akka hin haammanne obbo Gadduun himaniiru.

 

Gibts hidhicha irratti waliigaltee taasistuun cinaatti mirga Ityoophiyaan hidhicharratti qabdu daangessuuf yaalaa jiraachuu hubachiisaniiru.

 

 

Waliigalticharratti biyyoonni kudha yoo hirmaataan ja’a yoo mallatteessaan, isaan keessaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni 4 waliigalticha paarlaamaan raggaasisuun qaama seerummaa taasisaniiru.

 

Ijaarsi hidha haaromsaa Ityoophiyaa %74 ga’uu fi guutinsi bishaanii Baatii dhufu  akka eegalu ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment