Waliigaltee dhukaasaa dhaabiinsaa Sudaan guyyoota shaniif dheerate

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC)- Humnoonni Sudaan waliigalteen dhukaasa dhaabiinsaa guyyoota shaniif dheeressan.

Humnoonni kunneen waliigaltechaarratti kan ga’an bara Faranjootaa Caamsaa 20, 2023 Saa’ud Arabiyaa Magaalaa Jiddaatti erga mari’atanii booda ta’uu Zhinwaan Al-Arabiyaa wabeeffachuun gabaaseera.

Humnoonni lameen lammiileen nagaan naannawaa waraanaa keessaa ba’uuf tattaaffii taasisaniif daandii banuun saffisiisuuf waliigalteerra ga’uu eerameera.

Jiraattoonni waraanicha dheessan yaaddoo malee akka socho’aniif waliigalteerra ga’amuun eerameera.

Waligalteen waraana dhaabiinsa yeroo gabaabaa fi deeggarsa namoomaa bara Faranjootaa Caamsaa 6, tattaaffii nageenya waaraa Sudaan mirkaneessuuf marii Sa’udii fi Ameerikaan kan gaggeeggaamuuf argisiistuu ta’uun himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment