Waliigaltee biyyaalessaarratti komishinarummaan itti gaafatamummaa baachuun kabaja addaa qaba- Walitti qabaa Komishinichaa

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Waliigaltee biyyaalessaarratti komishinarummaan itti gaafatamummaa baachuun kabaja addaa kan qabu ta’uu Walitti qabaa fi Ittaantuun Walitti qabduu Komishinichaa ibsan.

Walitti qabaan Komishinichaa Proofeesar Masfin Aarayaa fi Ittaantuun Walitti qabduun aadde Hiruut Gabrasillaaseen eeruu uummataan uummataaf hojjechuuf filatamuun carraa guddaa ta’uu Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Waliigaltee biyyaalessaa uumuun nageenyaa fi badhaadhina mirkaneessuuf itti gaafatamummaa isaanitti kenname ba’achuuf kutannoo qabaachuu Proofeesar Masfin ibsaniiru.

Ajandaalee garaagarummaa yeroo dhumaatiif hambisuuf marii murteessaan ni gaggeeffama jedhan.

Ittaantuun Walitti qabduu komishinichaa aadde Hiruut Gabrasillaaseen gamasaaniin marii hunda hirmaachisee fi rakkoolee siyaasaa baroota dheeraaf turan waliigalteerraan ga’uuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Uummanni eeruurraa eegalee hirmaannaa ho’aa taasisaa ture fuuldurattis hojiiwwan komishinichaarratti ga’eesaa akka ba’atu gaafataniiru.

Keessumaa hayyoonni yaadawwan biyyaaf fayyadan gara mariitti fiduun garaagarummaarra dhimmoota waloorratti akka hirmaatan dhaam,sa dabarsaniiru.

Hayilayyasuus Makonnintu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment