Waliigaltee biyyaalessaafi ijaarsa nageenya waaraaf hayyoonni gahee isaanii ba’achuu qabu- Obbo Taayyee Danda’aa

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Waliigaltee biyyaalessaafi ijaarsa nageenya waaraaf hayyoonni gahee isaanii ba’achuu qabu jedhan Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan.

Hayyoonni dhimma biyyaarratti walitti dhiyeenyaan hojjechuun waliigaltee biyyaalessaafi ijaarsa nageenya waaraaf gahee isaanirraa eegamu ba’achuu akka qaban dhaamaniiru.

Ministeerri Nageenyaa waliigaltee biyyaalessaafi adeemsa ijaarsa nageenya waaraarratti qaamolee dhimmamtootaa waliin marii gaggeessuu TOI gabaaseera.

Maricharratti hoggantoonni Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa naannoleefi bulchiinsa magaalotaa, qindeessitoonni waliigaltee nageenyaafi bakka buutonni dhaabbilee siiviikii hirmaataniiru.

Waltajjicharratti sanadni marii biyyaalessaaf gaheen mootummaa maal ta’uu qaba jedhu dhiyaatee irratti mariin taasifamuu ibsameera.

Sanadichi gahee dhaabbilee mootummaa dabalataan muuxannoo biyyoota marii biyyaalessaan milkaa’aniifi hin milkaa’iin hafanii of keessatti hammachuu eerameera.

Ityoophiyaatti ajandaalee gurguddoorratti waliigalteerra gahamuu dhabuun haala barbaadamuun nageenya waaraa ijaaruun kan hin danda’amne ta’uu obbo Taayyeen waltajjicharratti haasawaa taasisaniin addeessaniiru.

Waliigalteen nageenyaa lammiileen ajandaalee gurguddoo irratti waliigaltee akka qabaatan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Mariachi bu’aa qabeessa akka ta’uuf qaamoleen dhimmamtootaa sadarkaa naannoo hanga gadiitti jiran hirmaannaa ho’aa taasisuu akka qaban ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment