Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC)- Godina Gujii Lixaa fi Magaalaa Bulee Horaatti hiriirri waamicha nageenyaa fi araaraa gaggeeffameera.
Hiriiricharratti Abootii Gadaa, Haadhoolii Siinqee fi kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaataniiru.
Hiriiricharratti “Gadaan si waamaa owwaadhu, Qaalluun si waamaa gali, Waliif owwaannee imimmaan harmee haa qoorsinu, Waamichi ulfina hafuun salphinaa” dhaadannoowwan jedhan dhageessifamaniiru.
Dabalataan Qe’een Oromoo nagaa dhabe marii fi marabbaan nagaa isaatti akka deebi’uuf, humni hidhatee nagaa fi tasgabbii danqaa jiru, misoomni si’oomee akka hindeemne gochaa jiru daandii nagaa fi araaraatti akka deebi’an gaafachuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia