Finfinnee, Sadaasa 22, 2017 (FBC) – Walii galteen araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti mallatteeffameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha keessatti qilleensi nagaa bubbisee uummanni Oromoos boqonnaa argatee hojii hawaas dinagdee irratti fuuleffachuun badhaadhina maatiifi biyyaa keessatti shoora isaa akka bahatuuf xiyyeeffannaan hojjechaa tureera, hojjechaas jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa baaseen himeera.
Dhibdeen Oromoofi Oromiyaa Karaa nagaa akka furamuufis nuffi tokko malee walitti fufiinsaan waamicha nagaa taasisaa tureera.
Qaamoleen quuqamni Oromummaa Manaa isaan baaseefi dhibdeen siyaasa Oromoo afaan qawween qofaan fala argata jedhanii yaadaa turan miseensonni WBO hedduunis ejjennoo mootummaan Nageenya waaressuuf qabuufi waamicha isaaniif dhihaachaa ture fudhatanii karaa nagaa galaa turaniiru.
Yeroo ammaas Mootummaan Naannoo Oromiyaa egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin mariin taasifamaa jiru milkaa’aadha.
Guyyaa har’aas Hooggansa Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO waliin walii galteen araaraa mallatteeffameera.
Araarri bu’uura Nageenya waaraati!
Tokkummaan Oromoo ijaarsa biyyaaf!
Mareef marabbaan duudhaa sirna Gadaati!
Elaaf elaameen waldhabdee furuun Nageenya Waaressa!
#Oromia #Ethiopia