Walharkaa fuudhiinsi Maashinaroota suphaa daandiif oolan 79 taasifame

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Deeggarsa Mootummaa Jaappaaniin kan bitaman walharkaa fuudhiinisi konkolaattootaa fi Maashinaroota suphaa daandiif olaan 79 taasifamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Magaalaa Finfinneetti misooma hundagaleessaaf daandiileen faayidaa olaanaa qaban wayitaa ijaaramaa fi babal’ifamaa jiranitti deeggarsi taasifame tumsa olaana kan qabu ta’uu Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Ummataa fi Mootummaa akkasumas Ejensii Walta’iinsa Idil Addunyaa Jaappaan deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment