Walga’iin waloo Komishinii Ministiroota Ityoophiyaafi Aljeeriyaa Finfinneetti gaggeeffama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015(FBC)- Walga’iin waloo Komishinii Ministiroota Ityoophiyaafi Aljeeriyaa baatii kana keessa magaalaa Finfinneetti kan  gaggeeffamu ta’uu  ibsame.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen daawwannaa hojii Aljeeriyaatti taasisaniin aanga’oota biyyattii waliin mari’achuu eerameera.

Walga’iin waloo ministirootaa biyyoota lameenii  marsaan itti aanu yeroo dhiyootti akka gaggeeffamuuf waliigalteerra gahuu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan walga’ichi baatii Fulbaanaa kana keessa magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Aljeeriyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiyaat Geetaachuun himaniiru.

Walga’ichaan biyyoonni tajaajila damee geejjibaa  qilleensarraan waliin hojjechuuf waliigaltee waliif ni mallatteessu jedhamee kan eegamu ta’uu dubbataniiru.

Waligaltichi biyyoota lameen gidduu balaliin xiyyaaraa kallattiin akka jiraatuufi hariiroo uummattootaa cimsuurratti kaayyeffachuu eerameera.

Walga’ii waloo kanaan waliigalteewwan damee garaagaraan biyyoota lameen gidduutti mallatteeffaman  haala gara hojiitti hiikuun danda’amurratti kan mari’atamu ta’uu ambaasaaddar Nabiyaat ibsuu TOI gabaaseera.

Komishinichi kanaan dura  marsaa 4’f marii gaggeessuu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment