Walga’iin waggaa Ambaasaaddarootaaa gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Amajjii 4, 2016 (FBC)- Qaama “Torbee Dippiloomaasii” keessaa tokko kan ta’e walga’iin waggaa Ambaasaaddarootaa eegaluu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ittaanaan Ministira Muummee fi Minstirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, walga’iicha eegalchiisaniiru.

Walga’iin waggaa Ambaasaaddarootaa kunis Amajjii 4-18, 2016tti kan turu ta’uun eeraameera.

Walga’ichaan cinaatti daawwannaan garaagaraa kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Dubbi Himaan Ministeericha Ambaasaaddar Mallas Alam raawwii kurmaana 1ffaa ni dhiyeessu jedhameera.

Firehiiwoot Saffiiwutu gabaase.

Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment