Walga’iin sadee Hidha Haaroomsaa eegalame

Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Walga’iin 3ffaan hidha haaroomsaa Sudaan Kaartuumitti eegalame.

Ministeeroonni Bishaanii,Jallisii fi Iinerjii Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi dhimma hidha haaroomsa irratti mari’achuuf Kaartumitti walga’aniiru.

Mariin kana irratti Baankiin Addunyaa fi Ameerikaan taajjabdummaan hirmaachaa jiru jedhameera.

Haala qabiinsa fi guuttama bishaan hidha haaroomsaa ilaalchisee marii bal’aan ni gaggeeffama jedhamee eeggama.

Walga’ii 4ffaa fi inni dhumaa yeroo dhiyootti kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Comments (0)
Add Comment