Walga’iin piroojektii laaboraatoorii TB cimsuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Walgahiin Koree Qindeessituu Piroojektii Laaboraatoorii TB Giloobaal Fandii Fayyaa Hawaasaa naannawaa Bahaa, Giddugaleessaafi Kibba Afrikaa 8ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ergaa gama miidiyaa isaaniin dabarsaniin, walga’ichi rakkooleefi ciminoota jiran gamaaggamuurratti kaayyeffachuu ibsaniiru.

Gama piroojektichaan Ityoophiyaan beekamtii ga’umsa samudaa dabalatee deeggarsa biroo argachuu ibsaniiru.

TB to’achuufi balleessuuf akkasumas sirna laaboraatoorii TB cimsuuf deeggarsa Koreen Qindeessituu Piroojektii Laaboraatoorii TB Giloobaal Fandii Fayyaa Hawaasaa naannawaa Bahaa, Giddugaleessaafi Kibba Afrikaa akkasumas qaamoleen deeggartootaa biroon taasisaniif galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment