Walga’iin Ministirootaa Piroojektii “Laapseet” 3ffaan Juubaatti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Walga’iin Ministirootaa Piroojektii “Laapseet” 3ffaan Sudaan Kibbaa magaalaa Juubaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Jilli anga’oota olaanoo mootummaa Ityoophiyaa Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyiin durfamu walga’icharratti hirmaachaa jira.

Walga’ichi mata duree” Hojiirra oolmaa Piroojektii Laapseet Nageenya, Guddina, Misooma Waaraafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaaf” jedhuun guyyoota sadiif kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Walga’icharratti hoggantoonni mootummaa, hawaasni daldalaa, deeggartoonni misoomaafi dhaabbileen siiviilii hawaasaa hirmaachuu eerameera.

Walga’ichi qindoomina Ministeera Geejjibaa Sudaan Kibbaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Diinagdee Afrikaan qophaa’uu ibsameera.

Piroojektichi tumsa diinagdeefi walitti hidhamiinsa Ityoophiyaa, Keeniyaafi Sudaan Kibbaa guddisuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi ibsaniiru.

Ityoophiyaan mul’ata piroojektichaa dhugoomsuuf kutannoo qabaachuus eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment