Walga’iin ministiroota dhimma alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Waashiingitanitti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Walga’iin ministiroota dhimma alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Waashiingitanitti gaggeeffamaa ture xumurame.

Walga’ii Hidha Haaromsaarratti xiyyeeffachuun Ameerikaa Waashiingitanitti gaggeeffamaa ture kanarratti ministiroonni bishaanii biyyoota sadanii hirmaachaa turaniiru.

Mootummaan Ameerikaa fi bakka buutonni Baankii Addunyaas waltajjicharratti taajjabdummaan argamaniit turan.

Walga’ichaan ministiroonni dhimma alaa bu’aalee walga’ii ogeessotaa fi ministiroota bishaanii ilaalaniiru.

Waltajjiiwwan lamaan itti aananiin guutinsa bishaanii fi bulchiinsa isaarratti seerrii fi qajeelfamni akka qophaa’u, gogiinsaa fi ittisa isaarratti kallattii kaa’uuf waliigalaniiru.

Haalli qilleensaa ilaallamee seera ba’u murteessuu danda’u.

Ministiroonni biyyoota sadanii akka Faranjootaa Amajjii 13, 2020 Waashiingitanitti walga’uuf waliigalaniiru.

Comments (0)
Add Comment