Walga’iin Mana Maree Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan har’a eegala

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) – Walga’ii idileen Mana Maree Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan har’a  Magaalaa Finifinneetti ni eegala.

Walga’ichaan dhimmoota Ardii fi Idil addunyaa xiyyeeffannoo barbaadan irratti ni mari’atu jedhameet eegama.

Walga’iin kun har’a irraa kaasee guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Walga’ii kanarratti hirmaachuuf Ministiroonni Ministeera Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa Finfinnee galaniiru.

Haaluma kanaan Ministeeronni Ministeera Alaa Zaambiyaa, Naayjeeriyaa, Angoolaa, Koomooroos, Naamiibiyaa, Afrikaa Kibbaa, Maalii fi Jibuutii Finfinnee galuu ibsameera.

Wayita buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri Jeneraalaa Dhimmoota Prootokoolii obbo Fayisal Aliyyiin simatamuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment