Walga’iin Koomishinii Ministirootaa Itiyoo Somaaliyaa gaggeeffame

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC)- Walga’iin jalqabaa Koomishinii Ministiroota Itiyoo Somaaliyaa Moqaadisootti gaggeeffame.

Walga’icharratti Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, ummatoota obbolaa biyyoota lameenii kan fayyadan dameewwan walta’iinsaa bal’isuun yeroon carraalee jiran sakattaanu amma jedhaniiru.

Walga’iin koomishinii ministirootaa biyyoota lameenii kun irra jireessaan dhimmoota siyaasaa fi nageenyaarratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dabalataan, Obbo Dammaqaan Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammaad Somaaliyaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan garee shororkeessaa Alashabaab irratti fudhachaa jiran dinqiiifataniiru.

Itiyoophiyaa fi somaaliyaan aadaa fi afaan akkasuma duudhaa ummattootaa kan waliin qooddatan ta’uu ibsuun, hariiroo seenaa qabeessaa jiran caalmaan cimsuunis akka barbaachisu himaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaas walta’iinsa biyyootaa lameenii gamaa hedduun cimsuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ittaanaan Muummee Ministiraa Somaaliyaa Saalaah Ahimad Jamaa gama isaaniin, Koomishiniin Waloo Misitorootaa ummatootaa biyyootaa kanneeni kan fayyadu ta’uu kaasan.

Hariiroo baroota dheeraa obbolummaa fi faayidaa waloorratti bu’uureffate cimsuun kan hojjetan ta’uus himan.

Koomishinichis hariiroo seena qabeessaa idileessuuf carraa kan uumu ta’uu kaasanii, Somaaliyaan walta’iinsaa Itiyoophiyaa waliin qabdurratti ciminaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Wayita walga’ichattis, waliigalteewwan walta’iinsa daldalaa cimsuu biyyoota lameen gidduutti mallatteeffameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment