Walga’iin idilee raawwchiiftota Gamtaa Afrika gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Walga’iin idilee rawwachiiftota Gamtaa Afriikaa 41ffaan gaggeeffamuu eegaleera.

Jilli Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin durfamu walga’icharratti hirmaachaa jira.

Zaambiyaa, Luusaakaatti kan gaggeeffamu walga’iin mana maree raawwachiiftotaa kan Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensota Gamtaa Afikaa irratti hirmaatan jalqabameera.

Walga’ii idilee kanarratti Dura Taa’aan Gamtichaa Muusaa Faakii Mahaammat haasawaa taasisaniin, hariiroo dinagdee Afriikaa gama uumuutiin bu’aa qabatamaan galmaa’aa jira jedhaniiru.

Hiyyummaa ardichaa dhabamsiisuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf damee dinagdee qonnaa irratti hojiilee hojjetaman, dhaabbileen idil addunyaa fi seektarri dhuunfaa gahee isanii bahachuu akka qaban hubachisaniiru.

Walga’iichaan baajatni gamtichaa kan ragga’u yoo ta’u, teessoo Eejensii Qorichootaa Afrikaa dhiyeenya hundeeffamee kan filatamu ta’a jedhameera.

Dabalataan hojiilee fooyya’iinsa gamtichaa sadarkaa maaliirra akka jiru gamaaggamuun kallattiiwwan fuulduraa akka kaa’amu eegama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment