Walga’iin idilee Mana Maree Raawwachiistotaa Gamtaa Afrikaa xumurame

Finfinnee, Adoolessa 10, 2014 ( FBC)- Zaambiyaa magaalaa Loosaakaatti gaggeeffamaa kan ture Walga’iin idilee Mana Maree Raawwachiistotaa Gamtaa Afrikaa murtoowwan garaagaraa dabarsuun xumurameera.

Jilli Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI Obbo Dammaqaa Makonniniin durfamu walga’ichatti hirmaachuun gara biyyaa deebi’eera.

Walga’ichaan baajatni Gamtaa Afrikaa bara 2023 Doolaara miiliyoona 654.8 kan ragga’e yoo ta’u, 67% deeggartootaan kan haguugamu ta’uu ibsameera.

Adeemsa baajaticha raggaasisuun, baajatni nageenya kabachiisuuf oolu guutummaan guutuutti deeggartoota idil addunyaan akka haguugamu taasifamuun isaa sirrii akka hin taane Obbo Dammaqaan walga’icharratti kaasaniiru.

Baajata nageenya kabachiisuuf oolu ardichi ofiisaaf haguuguu akka qabu yaadachiisuun, yaadichi hirmaattonni walga’ichaa biroo hedduun deeggaruu ibsameera.

Walga’ichaan Ityoophiyaan Afrikaa bakka bu’uun miseensa mana maree Aveeshinii Addunyaa akka taatuuf kaadhimamuufi manni marichaa guutummaan guutuutti kaadhimamummaa ishee fudhachuun raggaasisuu eerameera.

Riifoormii Gamtaa Afrikaa ilaalchisee raawwachiistonni mana marichaa haala bulchiinsa hojjettoota gamtichaa bal’inaan ilaaluu ibsameera.

Hojjettoonni gamtichaa harki caalu qacarrii yeroon qacaramuu eeramuufi jijjiiramuu akka qabu waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Walga’ii Mana Maree raawwachiistotaa kanaan Ruwaandaan teessoo Ejensii Qorichoota Afrikaa ta’uun filatamteetti.

Jilli Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI Obbo Dammaqaa Makonniniin durfamu walga’ichatti hirmaachuun gara biyyaa deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment