Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC)- Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomaniitti walga’iin idilee 55ffaan Ministiroota Faayinaansii, Pilaanii fi Misooma Dinagdee, Komishinii Dinagdee Afrikaa har’a Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Walga’ichi “Afrikaa deebisanii dandamachiisuu fi jijjiirama saffisiisuun haqa maleessuummaa fi saaxilamummaa hir’isuu” mataa duree jedhuun gaggeeffamaa jira.
Sirna baniinsa walga’ichaarratti ministirooni faayinaasii, karooraa fi misoomaa diinagdee fi bakka bu’oonni biyyoota miseensota koomishinichaa, itti gaafatamtoonni dhaabbilee Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii, tumsitoota misoomaa fi qaamolee qooda fudhattootaa biroon argamuu TOI gabaaseera.
Walga’ichi sadarkaa ogeeyyiitti guyyoota sadiif gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.