Walga’iin humna waraana lafoo Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Walga’iin humna waraana lafoo Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walga’iin kun si’a saddeettaffaaf kan gaggeeffamu yammuu ta’u, waltajjiisaa bara Faranjootaa 2020 Finfinneetti taa’aa jira.

Walga’iin kun kanaan dura Ameerikaatti gaggeeffamaa kan ture yammuu ta’u, Ministeera Raayyaa Ittisaa Ameerikaatin walta’uudhan kan baranaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Walga’ichaan rakkoo shororkeessummaa aardii Afrikaatti heddummaachaa dhufee fi rakkoolee biroo tumsaan furuurratti ni mari’atama.

Marichaan muuxannoon ni qooddatama.

Afrikaa fi Ameerikaan waggoottan kurnan darban damichaan hojiilee hedduu waliin hojjechaa turaniiru.

Comments (0)
Add Comment