Walga’iin garee maree miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 5ffaan xumurame

Walga’iin garee maree miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 5ffaan xumurame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Walga’iin miseensota garee hojii maree miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 5ffaan Jeeneevaatti gaggeeffamaa ture xumuramuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsan.

Qabxiilee ijoo adda addaa 110 irratti gaaffiiwwan simachuun marii bu’aa qabessa taasisuu Gareen Miseensummaa Itiyoophiyaa marii isaa xumuruu Dooktar kaasaahuun gama miidiyaa hawaasumama isaaniin ibsaniiru.

Walga’iin garee hojii maree miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa 6ffaanis baatii Adoolessaa akka gaggeeffamu waliigaluus himaniiru.

Itiyoophiyaan walga’ii Minstiroota Daldalaa Addunyaa 14ffaa bara 2018 Kaameeruunitti gaggeeeffamuun, maatii Daldala Addunyaatti akka makamtuuf hundi gahee isaa bahachuu qaba jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment