Walga’iin Fandii Hoggansa Dubartoota Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Walga’iin Fandii Hoggansa Dubartoota Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Afrikaatti walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu fi dubartoota aangessuurratti Gamtaa Afrikaatti mari’atamaa jira.

Waltajjicharrattis preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez, dura taa’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii, preezdaantiin Laaybeeriyaa duraanii Eelan Joonsan Sarliif, muummee ministiraa Noorweey Eernaa Soolbarg argamuun haasaa taasisaniiru.

Walga’ii sadarkaa hoggansa olaanoon gaggeeffame kanarratti Afrikaatti koorniyaa idileessuu fi dubartoota aangessuurratti jalqabbiiwwan dansaan jiraatanis xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Fandiin Hoggansa Dubartoota Afrikaa bara Faranjootaa 2019 Moorookootti kan hundaa’e yammuu ta’u, waggaa 10 keessatti dubartoota kaappitaala Doolaara Ameerikaa miiliyoona 500 sochoosan uumun kaayyoo isaati.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment