Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Walga’iin addaa Mana Maree Ministirootaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 72ffaan dhimmoota Sudaan Kibbaa, Soomaaliyaa, Covid -19 fi buqqaatoota deebisaanii ijaarurratti xiyyeeffate Intarneetiin gaggeeffameera.
Jilli Ityoophiyaa Ministir Deettaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon durfamu filannoon biyyaalessa Ityoophiyaa marsaa 6ffaan milkiin xumuramuu ibseera.
Milkaa’ina filannichaaf biyyoota fi dhaabbilee deeggarsa garaagaraa taasiisan galateeffataniiru.
Humnoonni siyaasaa Soomaaliyaa garaagartee filannoorratti qaban mariin furuu fi filannoo gaggeessuuf murannoo fi qophii agarsiisan Ambaasaaddar Birtukaan dinqisiifataniiru.
Haalli nageenyaa Sudaan Kibbaa fooyya’aa dhufuu fi waliigaltee Finfinneetti mallatteessaniin qaamni hundi hojiitti hiikuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Ambaasaaddar Birtukaan Waliigaltee nageenyaa hojiitti hiikuuf rakkoolee muudataa jiran furuuf Ityoophiyaan deeggarsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu mirkaneessaniiru.
Uwwisa Talaallii Covid -19 babal’isuu fi maallaqa barbaachisu dhiyeessuuf miseensoonni dhaabbatichaa tattaaffii taasiisuu akka qaban waamicha taasiisuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.