Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC) – Walga’ii Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma hidha haaromsaa ilaalchisee gaggeessu mormuun hiriirri gaggeeffamuufi jedhame.
Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa kutaalee bulchiinsa Ameerikaa garaagaraa keessa jiraatan hiriira nagaa gaggeessuuf ta’uu ibsameera.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma hidha haaromsaa ilaalchisee Adooleessa 1, 2013 haaluma Gibtsi gaaffii dhiyeessiteen walga’ii ni taa’a jedhameera.
Lammiileen Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa kutaalee bulchiinsa Ameerikaa garaagaraa keessa jiraatan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii magaalaa Niiw Yoorkitti argamuun hiriira mormii gaggeessuuf ta’uu himameera.
Hiriirri kana Kamisa dhufu haala hoo’ina qabuun gaggeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu eerameera.
Giddugaltummaan Liigii biyyoota Arabaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fudhatama kan hin qabne ta’uu mormuuf hiriira taasiifamu ta’uu qindeessitoonni hiriirichaa himaniiru.
Dhimmi Hidha Haaromsaa marii sadee hidha haaromsaa mariisiisummaa gamtaa Afrikaan itti fufuun furmaata argachuu akka qabu himaniiru.
Hiriirri kun Niiw Yoork, Niiw Jersi, Boostan, Kooneetiikat, Varjiiniiyaa, Deelweer, Peensiilvaaniyaa,Waashiingitan DC,Meerii laandii fi kutaa bulchiinsa biyyattii birootti ni gaggeeffama jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.