Waldorgommiin kalaqaa barnoota saayinsii fi Herregaa barattootaa fi barsiisota gidduutti gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2014 (FBC) – Akka Naannoo Oromiyaatti waldorgommiin kalaqaa barnoota saayinsii fi Herregaa guyyoota 2’f barattootaa fi barsiisota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa gidduutti Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Waldorgommicha kan qopheesse Biiroo Barnootaa Oromiyaa yoo ta’u, waldorgommii kanarratti godinaalee Oromiyaa 11 irraa barattoonnii fi barsiisonni 38 olii irratti hirmaataniiru.

Kalaqni garaagaraa 56 waldorgommiif dhihaateera.

Waldorgommii guyyaa lamaaf dorgomamaa tureen barsiisotaa fi barattoota sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif badhaasni waancaa fi Birrii yoo kennamu, hirmaattotaaf ammoo waraqaan ragaa laatameera.

Barattoonnii fi barsiisonni waldorgommii hojii kalaqaa kanarratti hirmaachuun injifataniis kalaqni manneen barnootaa keessatti yeroo dhihoo as hojjetamaa jiran rakkoowwan hawaasaa waan furaniif, Mootummaas ta’e dhaabbileen biroon jajjabeessuu qabu jedhaniiru.

Ittaantuun hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Aadde Magartuu Mahaammad, waldorgommiin Kalaqa Barnoota Saayinsii fi Herregaa, Kaayyoonsaa miirri waldorgommii kalaqa barnoota Saayinsii fi Herregaa akka uumamu, akkasumas barattotaafi barsiistoota jajjabeessuun hojiiwwan biyyattii keessatti rakkoo ta’aan furuuf kan gargaaruudha jechuu OBN gabaaseera.

Fuuldurattis biirichi deeggarsa barattootaa fi barsiisota hojii kalaqaarratti hirmaatan jajjabeessuuf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Kalaqa teeknooloojii waliin walitti hidhuun gama oomishaan rakkoo uummata biyyatti haala salphaa ta’een waan furuuf akka naannoottis ta’ee biyyaatti namoota uumamaan kennaa kalaqaa qaban cimsuufi kunuunsuuf xiyyeeffannan hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Ejensii Saayinsii fi Teeknooloojii Oromiyaa Dooktar Lijaalam Ayyalaa ibsaniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment