Waldorgommiin walakkaa maraatoonii 21ffaa Bishooftuutti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Waldorgommii walakkaa maraatoonii 21ffaa magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameen Atleet Taammiraat Tolaan injifate.

Kaayyoon waldorgommichaa naannolee fi bulchiinsoota magaalaaf, kilabootaa fi dhaabbileef carraa waldorgommii uumuun atleetota ciccimoo horachuudha.

Poolaanditti yeroo 14ffaaf kan gaggeeffamu waldorgommii walakkaa maraatoonii addunyaarratti atleetota biyya keenya bakka bu’anii hirmaatan filachuuf kan taasifame ta’uu Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa beeksiseera.

Waldorgommii kiiloo meetra 21 magaalaa Bishooftuutti kaleessa Amajjii 24,2012 gaggeeffameen atleetoonni dhiirotaa fi dubartootaa hirmaataniiru.

Waldorgommii atleetiksii 13ffaa kanaan fageenya kiilo meetira 21 dubartootatiin Atleet Alamzarf Yewalaa magaalaa Hawaasaarraa sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Atleet Biraanee Dibaabaa Poolisii Oromiyaarraa 2ffaa,  Atleet Ababaa Yeshaaneh  Poolisii Amaaraarraa sadarkaa 3ffaan xumurteetti.

Waldorgommii walakkaa maraatoonii 21ffaa magaalaa Bishooftuutti kaleessa gaggeeffameen Atleet Taammiraat Tolaa Poolisii Oromiyaarraa sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, Atleet Li’uul Gabrasillasee dhuunfadhaan akkasumas Amdawarq Waalalliny dhuunfaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment