Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC)- Godina Walloo Kaabaatti magaalaa Waldiyaa dabalatee magaaloonni Saanqaan, Siriinqaan, , Haaraan, Gobbiyyee, Roobiitii fi Qobboon guutuumaa guutuutti garee shororkeessaa ABUT irraa bilisa ba’aaniiru.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa akka beeksiseetti waloon humnoota nageenyaa Ityoophiyaa, duulli tokkummaa sabdaneessaa magaalaa Waldiyaa to’ateera.
Muummeen Ministira Abiy Ahimadiin durfamaa kan jiru duulli tokkummaa sabdaneessaa karaa qinda’aa fi gurmaa’een guyyaa egaleerraa kaasee ijaarsii fi xinsammuu diina diigameera.
Ministirri Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluu ibsa kaleessa galalalaa laataniin waraanni Ityoophiyaa Raayyaarran kallattii kaabaatin iddoowwan ijoodha jedhan erga to’atanii booda, kallattii Zoobaaliin ammoo iddoo ijoo Gurraa Warqee guutuumaa guutuun qulqulleessee dursa kan to’atee sararaa Waldiyaa Maqalee babaldhisuun gara Waaldiyaatti imalaa akka turee ibsinee turree.
Dooktar Laggaasaa Tulluu ibsa guyyaa har’a laataniin, halkan edaa guutuu fi ganama har’a raayyaan ittisa biyyaa, humnoota qaamolee nageenyaa Amaaraa waliin duula qinda’aa taasiseen Saanqaan, Siriinqaan, magaalaa guddoo Walloo Kaabaa Waldiyaa, Haaraan, Gobbiyyee, Roobiitii fi Qobboo guutuumma guutuutti to’annaa jala oolcheera.
Kanaafis Godinni Walloo Kaabaa humnoota nageenyaa Ityoophiyaatin guutuuma guutuun garee shororkeessaa ABUT irraa ba’uu beeksiseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.