Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Waldaan deeggarsaa fi misoomaa miseensota Poolisii Federaalaa duraanii Yaa’ii hundeeffamaa waggaa 3ffaa gaggeesseera.
Riifoormiin poolisii gaggeeffamaa jiru qaawwa jiru adda baasuun gara dhaabbata ogummaa poolisiitti guddisuun dhaabbata olaanaa uumuuf ta’uu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel dubbataniiru.
Waldaan Deeggarsaa fi Misoomaa kun hoggantootaa fi miseensota Poolisii dirqamarratti miidhamanii fi soorama bahan hojii fooyya’aa argachuun jireenya isaanii akka jijjiiran kan tumsu ta’uu ibsamuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia