Waldichi vaayrasii koroonaa ittisuuf Birrii miiliyoona 5 laate

Finfinnee, Bitootessa 16,2012(FBC)- Waldaan Misooma Oromiyaa vaayrasii koroonaa ittisuuf Birrii miiliyoona 5 laate.

Deeggarsichi hojii to’annoo tatamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuuf mootummaan taasisaa jiruu fi kenna tajaajila lammummaa mootummaan naannoo Oromiyaa labseef kan ooludha.

Deeggarsichas preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi obbo Abbaa Duulaa Gammadaan walharkaa fuudhaniiru.

Comments (0)
Add Comment