Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC)- Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa waliinga’iinsa tajaajila namoomaa kennaa jiru cimsee akka itti fufu Eegaa Olaanaan Waldichaa fi Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen hubachiisaniiru.
Yaa’iin waliigalaa Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa 20ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Yaa’icharratti Pireezidaanti Taayyeen haasawaa taasisaniin, waggoottan 90’n darban balaawwan umamamaa fi namtolchee mudataniin deeggarsa namoomaa olaanaa taasisaa turuu kaasaniiru.
Naannawaalee garaagaraatti lammiilee deeggarsi namoomaa barbaachisuuf deeggarsa hatattamaa fi tumsa taasisuun itti gaafatama isaa bahachuu cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.