Waldichi ergaa maqaa barsiisotaa Yuunivarsiitiiwwaniin raabsame kan hin beekne ta’uu ibse

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Waldaan Barsiisotaa Ityoophiyaa  ergaa maqaa barsiisotaa  fi gargaartoota dhimma teeknikaa  Yuunivarsiitiiwwaniin raabsame kan hin beekne ta’uu ibseera.

Waldichi faayidaafi mirga barsiisotaa kabachiisuuf hojjechaa jiraachuu eeruun,gaaffii barsiisonni Yuunivarsiitii dhiyeessan Ministeera Barnootaafi qaamolee dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuun furmaata isaaf hojjechaa jiraachuu addeesseera.

Gaaffiwwaan tokko tokko ariitiin deebii argachuu akka qaban waldichi kan amanu ta’us ,gaaffiiwwaan tokko tokko ammoo yeroo kan gaafatan ta’uu beekamuu qaba jedheera.

Haaluma kanaan , ergaan “ejjennoo barsiisotaa  fi gargaartoota dhimma teeknikaa  Yuunivarsiitiiwwanii”jedhuun sadaasa 26, 2015 irraa eegalee yeroo hin murtoofneef qoqqoobbii hojii ni taasifna jedhuun miidiiyaalee hawaasummaarratti raabsame beekamtii waldichaan ala ta’uu eereera.

Waldichi dhimmicharratti hojjechaa jiraachuu eeruun, barsiisonni hojiisaanii idilee akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment