Waldichi deeggarsa namoomaa Birri miiliyoona 10.5 Naannoo Tigiraayiif taasise

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)-Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa korichi deeggarsa namoomaaf kan oolan nyaataa, midhaanii fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 10.5 Naannoo Tigiraayiif taasise.

Guyyaa har’aa konkolaattonno deeggarsaa namoomaa kanneen fe’an gara naannichaatti imalaa eegaluu eeruun, daakuu qamadii kuntaalaa kuma 1 fi 500, zayitaa liitiraa kuma 6, baaqilaa kumtaala 150 nannawittii geejjibsiifamaa jiraachuu eereera.

Deeggarsichis maallaqa Qaxxaamura Diimaa Deenmaarkirraa argameen kan taasifame yoo ta’u, lammiilee naannichaa rakkoolee garaagaraa keessatti argamaniif deebii hatattamaa kennuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameeera.

Waldichi kutaalee hawaasaa balaa namtolchee fi uumamaan miidhamaniif deeggarsi namoomaa taasifamuu itti fufiinsa akka qabaatuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachu beeksiseera.

Deeggarsi namoomaa gamaa hundaan naannoo tigraayiif taasifamuu itti fufiinsa akka qabaatuuf hirmaannaan ni taasifama jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment