Waldichi deeggarsa gama oonlaayinii walitti qabuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)- Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa dhaabbata Chaap Faayinaanshiyaal Teekinooloojii jedhamu waliin  waliigaltee gama oonlaayinii deeggarsa walitti qabuu isa dandeessisu mallatteesse.

Waliigaltichi naannolee waraanaafi hongeen miidhamaniif Ityoophiyaanonni biyya keessaafi alaa filannoowwan oonlaayinii garaagaraa fayyadamuun deeggarsa akka taasisaniif ta’uu hogganaan qajeelcha deeggarsa walitti qabuu waldichaa Ahimad Yimaam ibsaniiru.

Namoonni deeggarsa taasisuu barbaadan Maaster Kaardii, Teelee Birrii, Viizaa Kaardii, Peeypaalii, Moobaayil Baankiingiifi KIW Ar Kood fayyadamuun deeggarsa taasisuu kan danda’an ta’uu eerameera.

Deeggarsi gama oonlaayinii taasifamu kunis guyyaa har’aa irraa eegalee tajaajila kan kennu ta’uu ibsameera.

Qiddist Abaateetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment