Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC) – Waldaan Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa waliin ta’uun Birrii miiliyoona 82n hojii deebisanii ijaaruu hojjetaa jiraachuu beeksiseera.
Naannoo Kibbaa Godina Koonsoo,aanaalee addaa Daraashee fi Alee dabalatee Naannoo Beenishaanguul Gumuz Godina Matakkal aanaaleen 5 hojiilee deebisaanii dhaabuu kanarraa fayyadamoo ta’uu eerameera.
Piroojektichi dubartoota,qaama miidhamtootaa fi maanguddootarratti xiyeeffatee kan hojjetu ta’uu eerameera.
Namoonni 830 ijaarsa manaarraa,namoonni 760 ammoo deeggarsa garaagaraarraa fayyadamoo ta’uu isaanii eerameera.
Waldichi Dhaabbata Gargaarsaa Ameerikaa waliin ta’uun Birrii miiliyoona 24 manneen jireenyaa 280 ijaaruun fayyadamtootaaf dabarsuun kan yaadatamuudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.