Waldhabdee yeroof uummameen minseensi poolisii tokko maatii warra haadha manaa isaa keessaa lubbuu namoota 4 dabarse

Finfinnee, Fulbaana 2, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti waldhabdee yeroof uummameen minseensi poolisii tokko maatii warra haadha manaa isaa keessaa lubbuu namoota 4 galaafate.
 
Guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinneetti miseensi Poolisii tokko rasaasaan maatii warra haadha manaa isaa keessaa lubbuu namoota 4 dabarsuu Koomishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.
 
Shakkammaan yakka kana raawwate guyyaa har’aa too’annoo jala ooluu Poolisii Federaalaatti itti gaafatamaan Koominiinkeeshiinii obbo Jeeylaan Abdiin dubbataniiru.
 
Yakkichi magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Eekkaa aanaa 6tti ta’uu ibsaniiru.
 
Waldhabdee shakkamaa fi haadha manaa isaa gidduutti uumameen haadhi manaa gara maatii ishee yeroo deemtuu duukaa ishee bu’uun maatiin isheen akka deebisaan gaafateera.
 
Maatiin ishees ishee waliin mari’achuun ala furmaata biroo laachuu akka hin dandeenye wayita itti himan, Jaartii Soddaa, abbaa biddeen ishee, abbaa warraa obboleettii ishee fi hojjettu isaanirratti rasaasa dhukaasuun lubbuu isaanii dabarseera.
 
Shakkamaa too’annoo jala oole qorannoo barbaachisu gaggeessuun yeroo gabaabaa keessatti murtii haqaaf akka dhiyaatu hojjetamaa jiraachuu obbo Jeeylaan dubbataniiru.
Yakki raawwatame siyyaasa waliin hariiroo tokkooyyuu kan hin qabaanne ta’uu eeraniiru.
 
Odeeffannoon miidiyaalee hawaasarratti adeemaa jira odeeffannoo sirrii kan hin taane ta’uu obbo Jeeylaan ibsuu isaanii ragaan Koomishinii Poolisii Federaalaarraa aragme ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment