Waldhabdee Oromoo gidduu jiru hiikuuf sirni gadaa filannoo isa jalqabaa ta’uu qaba – Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2012 (FCB) – Sirni Gadaa qabeenya Oromoo ta’uu bira darbee qabeenya addunyaat jedhaan walitti qabaan Gumii Abbootii Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan.
 
Waldhabduu Oromoo gidduu jiru hiikuuf Sirni Gadaa Filannoo jalqabaa ta’uu qaba jedhan.
 
Oromoon qabeenya ittiin beekamu kanaan fayyadamuu qaba jedhan.
 
Oromoon qaama tokko,qaamni tokko immoo walhindhabu,yoo rakkate waliin rakkata,yoo argates waliin argata jedhan.
 
Akka OBN gabaaseetti,Oromoon waliisaa gidduutti walitti bu’iinsi uumamee mitii Orma waliinuu yoo rakkoon uumame akkataa itti furu waan beekuuf, yoo miiyyuu sirna Gadaa hordofuu qaba jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun.
 
Walitti bu’iinsi Obboleeyyan lamaan Ittuu fi Karrayyuu gidduutti uumamee guyyaa kaleessaa akkaataa Sirna Gadaatiin bakka Abbootiin Gadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa,qaamooleen nageenya fi aanga’oonni mootummaa argamanitti aanaa Fantaalletti araara argateera.
 
Araarrichi tokko miidhaa tokko miidhamaa ta’ee kan gumaa baasuu fi kan gumaa fudhatu osoo hin taane gama lameeniinuu anis obboleessa koo miidheera jechuun ofitti muranii badii uumameef loowwan gumaa waliif baasanii jiru.
 
Bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Halaakaa Sinbiroo maanguddoota qabaachuun biyya tokko keessatti nageenya qabaachuudha jedha.
 
Hojii boonsaa hojjetan kanaafiis galateeffatanii, fakkeenyi aanaa Fantaallee kun Oromiyaa guutuu keessatti hojiirra ooluu qaba jedhan.
 
Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa Obbo Jibriil Mahaamad guyyaan kun guyyaa aadaa giddu galeessa godhannee rakkoo keenya itti hiikkanne waan ta’eef guyyaa addaati jedhan.
Tumsi uummanni Oromoo iddoo adda addaa jiraatan rakkoo Ittuu fi Karrayyuu hiikuuf taasisanis hojii seena qabeessadha jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment