Waldhabdee Kaabaa furuuf murannoo Ityoophiyaan qabdu Raashiyaan dinqisiifatte

Finfinnee, Hagayya 15, 2014 (FBC) – Waldhabdee Kaabaa biyyattiitti muudate furuuf murannoo Ityoophiyaan qabdu Raashiyaan kan dinqisiifattu ta’uu ibsite.

Mootummaan Ityoophiyaa waldhabdee Kaaba biyyattiitti muudate furuuf tarkaanfii fudhachaa jirtu ilaalchisee Itti aanaan Daayreektara Hariiroo Alaa Ministeera Alaa Raashiyaa Ayivan Nakaayiv ibsan laataniiru.

Murannoo Ityoophiyaa nageenya waaraa buusuuf qabdu Raashiyaan kan dinqisiifattu ta’uu eeraniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin gama isaaniin, waldhabdee ABUT fi mootummaa gidduu jiru furuuf karoorri qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkicha mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan hiikuuf tattaaffii taasiifamuuf Raashiyaan deeggarsa barbaachisu kan taasiiftu ta’uu Ayivan eeruu isaanii ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Raashiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment