Waldhabdee fi harkifachuu marii Hidha Haaromsaarratti walga’iin akka waamamu Ityoophiyaan yaada dhiyeessite

Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Waldhabdee fi harkifachuu marii Hidha Haaromsaarratti walga’iin akka waamamu Ityoophiyaan Gamtaa Afrikaatti Biiroo Yaa’ii Hoggantootaaf yaada dhiyeessite.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad xaalayaa Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook jalqaba baatii Eebilaa 2013 barreessaniif deebii laataniiru.
Ityoophiyaan dura taa’aa yeroo Gamtaa Afrikaa Preezdaantii Rippablika Koongoo Diimookiraatawaa Feeliiksi Shiiseekeediin harkifachuu marii Hidha haaromsaan walqabatee walga’iin akka waamamu yaada dhiyeessiteerti.
Dooktar Abiy mariin hanga ammaatti dhimma Hidha Haaromsaarratti gaggeeffame akka hin milkoofteetti fudhatamuun sirrii akka hin taane eeruun, gareen walabaa qorannoo biyyaaleessa hundaa’uu fi waliigalteen mallattaa’uun akka milkiitti fudhatamuu qaba jedhan.
Rakkoon mariiwwan seeraa fi teeknikaa hidhicharratti taasiifamu muudate waliigaltee hunda moo’ataa taasiisurra akka hin geenyeef gufuu ta’uu ibsaniiru.
Dooktar Abiy mariin sadee dhimma Hidha Haaromsaarratti taasiifamu ammaas mariisiisummaa gamtaa Afrikaan itti fufuu akka qabu fedhii qabaachuu isaanii xaalayaa barreessaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment