Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan mariin furuuf Ityoophiyaan qophiidha – Ambaasaaddar Tashoomaa Toogaa

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan mariin furuuf Ityoophiyaan qophii ta’uu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan ibsaniiru.
Ambaasaaddar Tashoomaan waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi dhimma Hidha Haaromsaa gama dippiloomaasiin furuuf Ityoophiyaan qophii ta’uu dubbataniiru.
Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan Chaayinaatti Ambaasaaddara Fiindaand waliin mari’ataniiru.
Ambaasaaddaroonni lameen hariiroo Ityoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru cimsuun haala danda’amurratti marii taasiisaniiru.
Haala waqtaawaa naannoo Tigraay, waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi dhimma Hidha Haaromsaarratti marii taasiisuu isaanii himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment