Waldaan Taaksii tajaajila turizimii Ada’aa hundeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Waldaan taaksii tajaajila turizimii guyyaa har’aa Magaala Bishoftuutti hundeeffameera.

Waldaan kun akka Naannichaatti kan jalqabaa yoo ta’u, marsaa jalqabaatiin dargaggoota 60f carraa hojii  ni uumaa jedhameera.

Hundeeffama waldaa kanaa irratti kan argaman Itti Aanaan Hoogganaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Hundee Kabbadaa haasaa taasisaniin, waldaaleen akkasii guddina Turizimii Naannoo keenyaatiif gumaacha olaanaa kan qaban ta’uufi iddoowwan qabeenya Turizimii bal’inaan argamu cinatti babal’chuu akka qabus eeruusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment