Waldaan Namoota Rakkoo Guddina Sammuu Qabanii fi Diibooraa Faawundeeshin daawwataman

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Itti aantuun af yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa aadde Shittaayee Minaalan miseensota koree dhaabbii mana marichaa addaddaa waliin Waldaa Namoota Rakkoo Guddina Sammuu Qabanii fi Diibooraa Faawundeeshin daawwatan.

Daawwichaanis deeggarsa dhiyeessii addaddaaf kan oolu Birrii kuma dhibba 1 fi kuma 75 laataniiru.

Itti aantun preezdaantii boordii Waldaa Namoota Rakkoo Guddina Sammuu Qabanii aadde Mihirat Niguseen waldichi ega hundeeffamee waggoota 25 lakkoofsisuu ibsaniiru.

Magaalota 25tti dameewwan isaa banatee hojjechaa jira.

Rakkoon guddina sammuu %85 yeroo ulfaa fi da’umsaarratti of eeggannoo barbaachisaa gochuu dhabuu fi hanqina nyaatarraa uumama.

Jilichi haaluma walfakkaatun Diibooraa Faawundeeshin daawwataniiru.

Hundeessaan faawundeeshinichaa af yaa’iin duraanii obbo Abbaa Duulaa Gammadaan kaayyon dhaabbatichaa mirga daa’imman rakkoo guddina sammuu qabanii kabachiisudha jedhan.

Tola ooltonni tumsa taasisaa jiraachuu ibsanii, mootummaanis daa’imman rakkoo akkanaa qabaniif tumsa taasisuutu irra jiraata jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment