Waldaan misooma Tigraay kitoota qorannoo covid-19 tilmaama Birrii miiliyoona 5 qabanii Biiroo Eegumsa Fayyaa naannoo Tigraayiif laate

Finfinnee, Fulbaana 23, 2013 (FBC)- Waldaan misooma Tigraay kitoota qorannoo covid-19 tilmaama Birrii miiliyoona 5 qabanii Biiroo Eegumsa Fayyaa naannoo Tigraayiif laate.

Deeggarsicha daayreektarri olaanaa waldaa misooma Tigraay Akiliiluu Haayilamikaa’eel kan laatan yoo ta’u, itti aanaa itti gaafatama biiroo fayyaa naanniicha Rii’aa Isaayyas harka fuudhaniiru.

Deeggarsichi hanqina meeshaa qorannoo vaayrasii koroonaa hambisuuf oola jedhameera.

Waldichi kana dura deeggarsa meeshaa vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf gargaaran taasisusaa sirna walharka fuudhinsicharratti ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment