Waldaan koreewwan Olompikii Afrikaa Badhaasa Ispoortii olaanaa ardii Afrikaa Dooktar Abiyyiif laate

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Waldaan koreewwan Olompikii Afrikaa Badhaasa Ispoortii olaanaa ardii Afrikaa  Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif laate.
Badhaasichi hoggantoota Afrikaa guddina Ispoortii Olompikiif gumaacha taasiisaniif beekkamtii kan laatudha jedhame.
Hoggantoonni ardichaa hedduun badhaasa kana argataniiru jedhame.
Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad guddina Ispoortii Ityoophiyaa fi ijaarsa giddugala Olompikiif Birrii miiliyoona 3 deeggarsa taasiisuu isaaniin badhaasa kanaaf filatamuu ibsameera.
Badhaasicha Muummee Ministiraa Dooktar Abiy bakka bu’uun Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruun Kaasaan fuudhaniiru.
Muummee Ministiraa Dooktar Abiy dargaggoonni hojii Ispoortii fi tola ooltummaarratti akka xiyyeeffatan fakkeenya gaarii ta’uu Dooktar Hiruut ibsaniiru.
Preezdaantiin Waldaa Koreewwan Olompikii Afrikaa Musxafaa Beeraaf gama isaaniin kunuunsa taasifameefiif galateeffataniiru.
Waltajichi yaa’iin waliigalaa Waldaa Koreewwan Olompikii Afrikaa milkiin akka xumuramuuf qaamolee gumaacha taasiisaniif beekkamtii laachuun xumurameera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment