Waldaan Dubartootaa Naannoo Oromiyaa Wixinee Dambii Ittiin Bulmaata waldichaarratti mari’achuun raggaasise

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Yaa’iin Idilee 5ffaa Waldaa Dubartootaa Naannoo Oromiyaa oolmaa isaa guyyaa 2ffaan Wixinee Dambii Ittiin Bulmaataa Waldaa Dubartootaa Oromiyaa irra deebiin fooyya’ee dhihaate irratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasiseera.

Waldichi Koree Giddu Galeessaa Waldichaa waggoota sadiif hoogganuu danda’an namoota 75 filachuun sagalee guutuun raggaasiseera.

Baay’inni miseensota Koree Giddu Galeessaa kanaan dura 65 ture marsaa kanaan garuu magaalota haaraawaafi godinoota dabalaman ilaalcha keessa galchuun miseensonni Koree Giddu Galeessaa 75 akka ta’u murtaa’een waggaa sadan itti aananiif koree waldicha gaggeessan 75 filatamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment