Waldaan Bunaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa hundeeffame

Finfinnee, Hagayya 30, 2014(FBC)- Waldaan Bunaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti hundeeffamuu ibsame.

Waldicha waldaaleen kanaan dura hundaa’an 5 waloon hundeessuu ibsameera.

Waldicha hundeessuuf waggoottan arfan darbanitti qophiin taasifamaa turuu Daayrekatarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayee Dooktar Addunyaa Dabalaan ibsaniiru.

Hundeeffamni waldichaa misooma bunaaf ga’ee olaanaa qabaachuu eeruun, gama qonnaan bulaa deeggaruunis shora olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Waldicharraa hojiilee gurguddaan kan eegamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Rakkoo dhiyeessii galtee furuufi qonnaan bultoota fayyadamoo inshuraansii taasisuun xiyyeeffannoo waldichaa ta’uu ibsamuu TOI gabaaseera.

Yeroo ammaa yaa’iin hundeeffama waldichaa gaggeeffamaa jiraachuufi danbii ittiin bulmaataa waldichaarratti mariin taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment