Waldaan Biyyaalessaa Saaxilamtoota Dhibee Juuzaam giddugala leenjii eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Waldaan Biyyaalessaa Saaxilamtoota Dhibee Juuzaam giddugala tajaajila galii argamsiisuu fi leenjii ijaarsisuun eebbisiiseera.

Sirna eebbicharratti Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee dabalatee, qondaaltonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Ministirri Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, harka qalleeyyii miidhamtoota qaamaa dhibee juuzaamiif saaxilaman, daa’imman maatii hinqabne, dubartoota manguddoota akkasumas buqqaatonni akka deeggaramaniif kan gargaaru ta’uu amantaa ibsaniiru.

Giddugalli leenjichaas hirkattummaa diinagdee miidhamtoota qaamaa kan hambisuu fi miiraa ni danda’amaa kan bu’uuressuudha jedhaniiru.

Ityoophiyaatti Bakka Bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Booriiymaa Haamaa gama isaaniin, dhaabbanni isaanii fuulduratti rakkoolee fayyaa sababa dhibee juuzaamiin dhufan hambisuuf deeggarsa akka taasisan ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Giddugalli tajaajila galii argamsiisuu fi leenjii kun gamoo abbaa darbii shanii lafa karee meetira kuma 1 fi 500 irratti ijaarameedha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment