Waldaan Aksiyoona zayita nyaata Ammarreessaa guyyaatti zayita liitira kuma 20 ol oomisha jiraachuu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2014 (FBC)- Waldaan Aksiyoona zayita nyaata Ammarreessaa guyyaatti zayita liitira kuma 20 ol oomisha jiraachuu ibseera.

Dhaabbatichi dandeetti guyyatti zayita liitira kuma 70 ol oomishuu qabaatus rakkoo hanqina dhiheessii fi Doolaaraan hanga barbaadee omishuu akka hin dandeenye hojii gaggeessa dhaabbaticha Obbo Gazahaany Digaafuu himaniru.

Dhaabbatichi hawaasa magaalaa Harar, Dirree Dawaa fi naannoo Somaalee akkasumas dhabbiilee mootummaaf dhiheessa jiraachuu ibsameera.

Yeroo ammatti qaala’iinsi meeshaaleen dheedhii jiraatus hanqina zayita jiru furuuf liitira 1 qarshii 85’n hawaasaan gaha jiraachuu obbo Gazahaany dubbataniiru.

Mootummaan deeggarsa isaaniif taasisaa jiraachu eeruun kana caalaatti deeggarsa argannaan kan amma caalaa oomishuu akka danda’an kaasaniiru.

Misiruu Turiitu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment